}); Wareegama qeerrootti, firii dhaabbataa gochuuf jeedala lamaan irraa of eeguu feesisa.

Wareegama qeerrootti, firii dhaabbataa gochuuf jeedala lamaan irraa of eeguu feesisa.



Seenaa Itoophiyaa jaarraa tokkoo keessatti bulchitoonni kan aangootti dhufan takkaahuu mootii du’e bakka bu’uun yookaan ammoo sirna butute sana humnaan aangoorraa kaasuun ture. Hanga ammaatti mootummaan fedhii ummataan hundeeffame yookaan sagalee ummataan karaa nagaa aangoo gadhiise hin jiru. Impaayera Itoophiyaa humnaan saboota cunqurfamaarratti fe’amte keessatti bulchitoonni afaan qawween erga teessoo isaanii tolfatanii booda akka uumama addaatti of ilaaluun aadaa siyaasaa habashootaa ture. Minilik gaafa mootota xixiqqoo Shawaa fi Begimidir injifachuun Inxooxxoorratti masaraa mootummaa isaa ijaarratu mootii moototaa godhee of moggaase. Ofiisaas sanyii hidda dhaloota Mootii Solomoon fi Giiftii Sheebaatti of harkisuun gurraachummaa isaa ganee tarree warra adii of kaa’e. Hayilasillaaseen shiraan Lij Iyyaasuu kan dhiigaan Oromoo ta’ee fi umrii isaa ijoollummaan biyyattii keessatti walqixxummaa sabootaa fi amantii argamsiisuuf tattaafate erga aangoo irraa fudhatee booda Waaqa Xiqqaa (Demi God) of godhe. Aangoon isaas Waaqarraa akka kennameef ስዩመ እ/ር ofiin jedhee namummaarraa gara Waaqummaatti ol of guddise. Dargiin erga sirna Hayilasillaasee awwaalee aangoo qabatees jechi Mangistuu Hayilamaariyaam akka jecha Waaqaatti fudhatame. Dargii jechuun seera, Dargii jechuu Waaqa hanga ta’uutti fudhatamee namoonni illee yeroo wal abbooman “Adaraa Dargii” fi “Adaraa Seeraa” jechoota jedhan walqixa fayyadamaa turan. Kufaatii Dargii booda kan aangoo qabate Mallas Zeenaawwiis muree-murteessaa ta’uun deggertoota isaa biratti maqaa ታላቁ መሪ jedhamuun namni isa gitu kan hin jirre fakkeeffamee became.

Erga Impaayerattiin wiirtuu mootummaa ishee Finfinnee godhachuun hundeeffamtee kaasee habashoonni bifa gurmaa’ee fi hin gurmoofneen sirna haaraa hundeeffamu keessatti dhageettii guddaa argataa as gahan. Dhiibbaa isaan sirna haaraa hundeeffamurratti gaggeessan gariin karaa gurmuu amantii, gariin ammoo karaa gurmuu akkaadaamii ti. Akkuma barnoonni babal’achuun biirokiraasiin mootummaas hidda gad fageeffataa deemeen carraa biyyattiin saboota hundaaf gumaachuu malte gara ofiitti dachaasuun Finfinnee keessatti olaantummaa siyaasaa, dinagdee fi akkaadaamii dhuunfachuun jaarmiyaa dhokataa fi ifaa ta’uun of ijaaraa institutions adda addaa dhuunfataa sirna haaraa ijaaramu yoo danda’an gara ofii fedhanitti oofuun, yoo dadhaban ammoo danqaa itti ta’anii luka jalaa dhahanii kan ofii fedhan argachuu yookiin ofii aangoo qabachuurratti cichanii hojjechuun beekamu. Yoo kun ta’uufii dides institutions biyyattii keessatti gad fageenyaan caasaa ofii diriirfatan fayyadamuun mootummaan kamuu dhufu biirokiraasii isaa dhuunfachuun imaammatni isaan barbaadan akka hojiitti hiikamu mala ittiin dirqisiisan yeroo hundumaa kalaquun as gahan. Hanga har’aatti biirokiraasiin caasaa Federaalaa harka isaanii jiraachuu fi Afaan Hojii biyyattii Amaarinyaa qofa ta’ee hafuun ragaa guddaadha. Magaalaa Finfinnee fi magaalota guurguddoo sadarkaa naannolee keessattis sirnaan hidda gad fageeffatanii waggaa dheeraaf waan of ijaaranii jiraniif dhiibbaan isaan uuman waan laayyoo miti. Habashoonni akkamiin humna ta’an? Har’a maalirra jiru? Qabxiilee armaan gadii kaasnee ilaalla.

1) Sirna Lij Iyyaasuu: Minilik gaafa du’uu gahu nama aangoo isaa nama dhaaluuf dhabee yaaddoo keessa ture. Kaadhimamtoota aangoo mootichaa dhaaluuf carraa qaban kanneen akka Dajjaazmaach Taayyee Gullilaat, Wasan Saggad, Zawuditu Minilik fi Lij Iyyaasuu keessaa Minilik waan isa filateef Iyyaasuun Mootii itti aanu ta’ee kaadhimame. Lij Iyyaasuun akkuma aangootti dhufeen aadaa oftuulummaa qondaaltonni Habashaa ittiin beekaman sana jijjiiruuf tattaaffii godhe. Walqixxummaan amantii akka jiraatu, mirgi sabootaa akka kabajamu, biyyattiin saba ishee keessa jiraatan akka walqixa simattuu fi carraa laattuuf gochuuf sochii yeroo eegalu harcaatonni sirna Minilik kanneen fedhii murna garaagaraa jalatti irree jabeeffatan danqaa itti guuruu eegalan. Sochii Iyyaasuun saboota gidduu deemuun keessumaa gara bahaatti socho’ee Harar, Jibuutii fi Somaliyaa deddeemee tarsiimoo bulchiinsa isaa fuulduraa lafa qabsiifachuuf taasise fi adeemsa keessan fedhiin amantii Isilaamaa waan fudhateef leellistoonni gurbaan biyya kiristaanaa gurguree gaanfa Afriikaarratti biyya Islimaa guddittii ijaaruuf deema jedhan. Baay’ee osoo isa hin tarkaanfachiisinis bifa qindaa’aan himata itti banan. Qaamonni Iyyaasuurratti walqindeessan 1) Dabtaroota mana amantii keessatti wal gurmeessan yoo ta’an isaan kun gama tokkoon Oromummaa isaa amananii fudhachuu didan, gama biraan ammoo amantii inni hordofe balaaleffatan. Iyyaasuun amantii keenya rakasiise jedhanii himatan. 2) Leellistoota Itoophiyaa warra biyyi waan isaan jedhaniin malee hin baraaramne godhanii yaadan yookiin ammo aritookiraatota The Imperial Bodyguard jedhaman sanadha. Waan nama gaddisiisu garuu murni sun Habtegoorgis Dinagdee kan dhiigaan Oromoo ta’een hoogganamuu isaaniiti. Humnoonni kun lamaan diimokiraasii fi walqixxummaa Iyyaasuun argamsiisuuf abbaletti mufatanii kichuutti isa kutuun Tafarii Mokonnon muudan. Akkanaan diraamaan Itoophiyaa baraaruuf Iyyaasuurratti dalagame sabootni cunqursa jalatti akka dhiitamaniif karra saaqe. Gurmuun Habashootaas waan akeekanitti yeroon milkaa’an.

2) Haylesillaasee: Karaa abbaasaa dhiiga Oromummaa haa qabaatu malee, Tafarii Mokonnon jalqabuma humna Oromoo dadhabsiisuurratti hojjete. Kanammoo waraana Raas Baalchaa Saafoo (Abbaa Nafsoo) baneen mirkaneesse. Itti aanee Raas Gugsaa Waleetti duuluun Oromoo Walloo fi Bagimidir dadhabsiise. Yeroo kanatti murni Finfinnee amantii fi biirokiraasii dahoo godhatee caasaa waraanaa fi bulchiinsaa hoogganu daran of ijaare. Habashoonni carraa kanaan waa lama dhuunfatan: 1) Biirokiraasii bulchiinsa Haylasillaasee; kun Finfinnee ka’ee hanga kutaa bulchiinsa biyyaa fi aanaaleetti kan diriire yoo ta’u qubsumni isaaniis bulchiinsa diriirsuu fi gibira sassaabuu akkasumas amantii babal’isuun walitti hidhata. 2) Madda beekumsaa (knowledge Source) ta’an. Inni kun caasaa isaan haalaan dhimma itti bahanidha. Madda beekumsaa (Knowledge source) ta’uun seera baasuu, labsii tumuu, imaammata kalaquu, seenaa barreessuu, kaarikulamii barnootaa baasuu fi carraa oomisha beekumsaa hunda of harka galfatan. Saboonni of ijaaranii akka Mootii isaaniirratti hin fincilleef illee seera “Samiin hin tuqamu; Mootiin hin himatamu” (ሰማይ አይታረስ፡ ንጉስ አይከሰስ” jedhu sammuu ummataa keessa bulchan. Kanarra darbuun ammoo mootiin sun mataansaa Waaqa Xiqqaa (Demi God) ta’uu fi aangoon isaas Waaqa biraa akka kennameef hubannoo kijibaa (Wrong discourse) uumuun waggaa dheeraaf ummata burjaajjessaa sirna sanatti hirkatanii olaantummaa afaanii, aadaa fi carraa harka ofii bulfatan. Weerara Xaaliyaanii booda mootiin akka waaqaatti ilaalamu sun diina baqatee biyya ganee bade. Waggaa jahaaf garuu gootonni Oromoo farda isaaniin xaaliyaanii lolanii yeroo injifatan, kan silaa mootiin biyya gane sun qabsaa’ota diina injifataniif aangoo kennuu male karaa murna Finfinnee dhuunfatanii kana nagaan aangoosaatti deebi’e. Gantummaa Iyyaasuun ittiin himatame kan qabatamaan mul’ise garuu Tafarii ture. Gantummaa guddaan Haylesillaasee garuu wayita ummanni Walloo beelaan dhumutti inni guyyaa dhaloota isaa kabajachuuf maallaqa guddaa baasuu fi saree isaa duuteef siidaa gatii olaanaa hojjechiisuudha. Shira Haylasillaasee kana dhumarratti kan saaxile gaazexeessaa BBC oggasii kan ta’e Yonathan Dimbleby gabaasa isaa The Unknown Hunger jedhuutti namni 200,000 beelaan dhuman. Gabaasni kun booda keessa The Hidden Hunger jedhamee fiilmiin hojjetame. Yakki kun hundi yeroo ummatarratti dalagamutti murni Finfinnee kun “hin dhageenye, hin agarre” jedhee taa’e. Gabaasni BBC sunis akka miidiyaan hin dhihaanne uggure, fiilmiin hojjetames akka biyya hin seenne ittise. Kunis teessoo mootichaa eeguun faayidaa harka isaanii jirtu tursiifachuuf shira isaan dalaganidha.

3) Dargii: Haylasillaasee qabsoo Oromoo, addatti ammoo warraaqsa ijoolleen Oromoo dhoostetu kuffise. Yakka namoomaa sirni Haylasillaasee raawwataa ture saaxiluun dhaadannoo “Lafti Qonnaan Bulaaf” jedhu kan dhageessise barattoota Oromoo fi ilmaan saboota cunqurfamooti. Sirni kun murna xiqqaa malee saboota hunda kan bakka hin buune ta’uu fi gaaffiin sabootaa deebii sirrii argachuu akka qabu qabsaa’onni akka Waalliliiny Mokonnon dhimma gaaffii sabootaa ija jabinaan yeroo barreessan kanneen akka Ibsaa Guutamaa ammoo “Itoophiyaawwiin Eenyuu?” jechuun biyyattiin kan sabootaa osoo hin taane kan murni xiqqaa ta’uu falman. Wayituma kanatti sagaleen bilisummaa qonnaan bultoota Baalee, Goojjjam fi qonnaan bultoota Tigiree kan wayyaanee jedhaman bakka hundaa dhaga’amuun gama tokkoon hayyoonni paartilee adda addaa hundeessuun wayita warraaqsa ummataatti makaman, gama biraan ammoo humni riphee sirna duraa keessatti of ijaare, kan qawween of jabeesse, humni Dargii warraaqsa ummataa dahoo godhatee Haylasillaasee aangoorraa buusuun masaraa mootummaa to’ate. Tarkaanfiin Dargii kan jalqabaas gaaffii ummataa deebisuu waan ta’eef lafa abbootii lafaarraa fuudhee qonnaan bultootaaf qoode. Ummanni hundi haa baratu jechuun duula barnoota bu’uuraa gaggeesse. Wayita kanatti, murni Habashootaa akka duraa sirnatti hirkatee fedhii isaa eegsifachuu waan shakkeef paartii walabaan ijaarame kan EPRP jedhamu keessatti walgahan. Kaayyoon jaarmiyaa kanaas gama tokkoon Dargii kuffisuun aangoo qabachuu yoo ta’u gama biraan ammoo humnoota gaaffiin sabummaa deebii akka argatuuf qabsaa’an dura dhaabbachuun tokkummaa Itoophiyaa tiksuudha. Keessattuu humna Oromoorratti akka malee xiyyeeffatan. Lola Shororkaa Adii (White Terror) jedhu murni kun Finfinnee keessatti eegale Dargiin ammoo Shororkaa Diimaa (Red Terror) jechuun deebii kennuun ifatti lafarraa wal fixan. Dargiin duula Shororkaa diimaan erga EPRP jilbeenfachiisee jireenya isaa shakkii keessa galchuun humnoota MEISON keessa jiranitti garagalee haleele. Gootonni akka Dr. Hayilee Fidaa yeroo kanatti irbaata rasaasa Dargii ta’an. Dhumarratti Dargiin ofitti deebi’ee wal fixe. Hundeessitoonni Dargii Janaraan Amdoom Mikaa’el fi Axinaafuu Abaatee akkasuman Janaraal Tafarii Bantii ni ajjeefaman. Jaarmiyaan rakkoo sabootaa furuuf hundeeffaman bosonatti dheessan. Diimokiraasiin ijoolleen keenya itti wareegamte ni gufatte.

4) Dargii Booda: Qabsoon hidhannoo ilmaan saboota cunqurfamaa gaggeessan Dargii kuffisuun gaafa xumuramu, humni habashootaa haga tokko sharafamuu eegale. Saboonni Afaan isaaniin fayyadamuu eegaluu, bulchiinsa haqaa irratti hin qabaatiin malee naannoo itti waamaman qabaachuu fi jijjiiramni imaammataa fi tarsiimoo bulchiinsaa haga ta’e harkaa sharafamuun heddu isaan yaaddesse. Keessummaa akka kana duraa Oromiyaa dhuunfachuu fi elmuu dadhabuun, humni Oromoo daran jabaataa deemuun, garaagarummaa guddaan Oromiyaa fi Itoophiyaa gidduu jiru babal’ataa deemuun, dhaloonni Oromoo dhaloota bilisaa ta’uu fi waan isaan itti fe’an kan hin fudhanne ta’uu gaafa hubatan TPLF caalaa ABOtti duula banan. ABO qofa osoo hin taane ifatti filanoo Oromoo dura dhaabbatan. Filannoon Oromoo filannoo Itoophiyaa diigu jedhanii lallaban. Oromoo Qubee Afaan Oromoo madaqfachuun dhimma barnootaa fi barreeffamaaf oolfachuun duula kallattii Afaan Amaaraarratti baname godhanii fudhatan. Hayyoonni isaanii kanneen akka Asiraat Waldayes ammoo miidiyaatti bahuun “Faranjii Gurraacha” jechuun filannoo saba keenyaa gatii dhabsiisan. Jaarmiyaan Oromoo kanneen akka ABO fi kan biroo biyya keessaa akka dhiibamee bahu, biyya ollaatti akka qubsuma hin arganne, biyya alaatti deggersa dippiloomaasii akka hin arganne qabeenya waggaa heddu kuufatan dhangalaasuun gama tokkoon yeroo hojjetan, mootummaa TPLFs akka fedhanitti haboo irratti qabaachuu waan dadhabaniif tooftaa biraan of ijaaruu filatan. Ijaarsi isaan bara aangoo wayyaanee dhimma itti bahuun kallattiin yookaan al kallattiin siyaasa biyya keenyaa keessatti dhiibbaa uuman jaarmiyaa Siivikii ti. Akkuma beekamu, Habashoonni carraa bulchiinsaa of harkaa qabaniin kan isaan dhuunfatan Biirokiraasii biyya sanaati. Kana keessattis gama tokkoon muuxannoo hojii fi barnootaa qabanitti fayyadamuun, gama biraan ammoo network yeroo dheeraa faranjoota waliin tolfatanitti dhimma bahuun madda maallaqaa fi sabqunnamtii godhatanii biyyattii keessatti of ijaaran. Ijaarsi sun filannoo bara 2005 dura haalaan mul’ate. Ni yaadattu yoo ta’e filannoo 2005 dura Dr. Biraanuu Naggaa pirezedaantii Ikkonoomistoota Itoophiyaa ture, Masfiin Waldamaariyaam hooggana ECRO ture, Burtukaan Miidhagsaa Hooggantuu Waldaa Ogeeyyota Seeraa Dubartoota Itoophiyaa turte; Iskindir Naggaa gaazexaa Minilik fi The Ethiopis jedhamu hooggana. Jaroonni kun gaafa filannoon gahuuf jedhu baatii Fulbaanaa keessa paartii Qastadaammanaa ቀስዳመና jedhamu hundeessuun baatii Onkoloolessaa keessa ammoo CUD-Qinijjit hundeessanii humna jabaa ta’uun as bahan. Humni Qinijjit filannoo 2005 sana lafa sochoose akkuma tasaa kan ijaarame osoo hin taane waggaa dheeraaf harka lafa jalaan kan ijaarame, dinagdeen karaa jaarmiyaa siivikii erga guurame, jaarmilee kanatti dhimma bahuun deggersa dippiloomaasii ejentoota addunyaa biraa erga bilcheeffatanii booda. Utuu namni isaan hin shakkiin humna addaa ta’uun filannoo sun utuu hin hatamne ta’ee carraan mootummaa hundeessuu isaanii bal’aa ture. Bara sana Qinijjit humna tikaa dhabuu isaatiin galaafatame. Sagalee filannoo qofa osoo hin taane miseensota isaa to’achuu dadhabe. Humnoonni shiraa lamaan magaalaa keenya keessatti wal galaafatan, Mallas garuu afaan qawween isaanirra aane.

5) Haala ammaa: Waggoota darban wayita aara galfii malee wayyaanee fi Oromoon hafuura wal kutaa ture Habashaan Finfinnee gama tokkoon hafuura dhokfattee ilaalaa gama biraan ammoo gama kamiin injifannoo dhufuu malu gara ofiitti harkifachuun akka danda’amurratti marii bal’aa fi ijaarsa gaggeessaa turan. Gama kaaniin ammoo miidiyaa ESAT jedhamutti dhimma bahuun akka waan qabsoo keessa jiraniitti wareegama ilmaan keenyaa galmeessaa fi miidiyaaf oolfataa as gahan. Qabsoo qeerroon Oromoo lubbuu itti kitimee jijjiiramni bu’uuraa biyya keessatti akka dhufuuf qabsaa’e, sochiin siyaasaa amma jiru kun akka dhufuuf daandii saaqe ofitti harkisuun addunyaatti himataa turan. Hiriira nagaa guyyaa tokko qofa magaalaa Gondoritti bahame qofaan Amaarri Oromoo qixa qabsoo keessa akka jirutti dhiheessuun faayidaa siyaasaa irraa argachuuf yaalaniiru. Ala kanatti caasaa fi qunnamtii waggaa dheeraaf tolfataniin carraa institutions gurguddaa qunnamuu yeroo argatan wareegama ilmaan keenyaa agarsiifachuun akka waan qabsoo keessa jiraniitti ija ofii ashaboon dhiqatanii socho’an. Sochiin kun biyya alaa kanatti jaarmiyaa AG7 jedhamuun durfama. Jaarmiyaa siivikii walitti funaanuun tuuta Democratic Change jedhu hundeessanii akka waan mirgi namoomaa fi diimokiraasii akka kabajamuuf qabsaa’aniitti of dhiheessan. Of dhiheessuun rakkoo ta’ee osoo hin taane waan itti hin wareegamiin tokko, waan aarsaa itti hin baasiin kan ofii godhachuun sirna waan hin taaneefi. Gaafa PM paarlaamaa keessatti haasaa godhe nama kam caalaa kan gammade Habashaadha. Sababni ammoo Itoophiyaa isaan fedhan sun afaan Abiyyii Ahmad kan dhiigaan Oromoo ta’erraa dhaga’uu isaaniiti. Afaanuma Abiyyii faarsaniin ammoo Baqqalaa Garbaa abaaran. Sababni ammoo Baqqalaan dhugaa dubbachuu isaati. Habashaan Abiyyii ofitti qabee Baqqalaa ofirraa dhiibu faayidaa Oromoof hin dhaabbatu, diimokiraasii hawwamus hin dhugoomsu. Afaan amma Abiyyii faarsu kun waggaa darbe Lammaa faarsaa ture. Garuu baatii tokko dura qunnaan bulaan Amaaraa naannoo Amboorraa buqqaafame jedhamee Lammaatti duulame. Kun kan agarsiisu tokko tokkoo sochii habashootaa keessa fedhiin dhokataan jiraachuudha. Fedhii dhokataan isaanii yeroo hundumaa akkuman olitti ibsuuf yaale biirokiraasii sirnichaa keessa calaqqisa, achitti lubbuu horata. Sirni kamuu haa dhufu, habashaan keessa gugatee daldaluu haalaan itti beeka. Garuu kan beekamuu qabu gugannaan habashaa diimokiraasii barbaadamu hongeesse.

Xumura

Har’a gabaan siyaasaa Finfinnee akka malee ho’aa jira. Gabaan kun akka ho’uuf qeerroon keenya kitima itti taate. Mirgi Diimokiraasii akka kabajamu, bilisummaan akka dhufu, bulchiinsi afaan qawwee akka xumura godhatu Qeerroon keenya Gidaamii hanga Cinaaksanitti, Kamisee hanga Mooyaaleetti wareegama ulfataa baaste, har’as baasaa jirti. Yeroon amma keessa jirru kun kan bara 1974 tiin walfakkaata. Yeroon kun naamusa olaanaan yoo hin hoogganamne, qeerroon injifannoo gonfattee fi gonfachuuf jirtu yoo naamusaan of harka hin bulfanne, takkaahuu humni cinaan of qopheesse warraaqsa kana ofitti butuu mala; yookaan ammoo sirni mataa keessa rukutame dandamate bakka riphee jiruu ka’uun warraaqsa kana gufachiisuu danda’a. Warraaqsa kana fiixaan baasnee injifannoo barbaadamu biraan gahuuf gama tokkoon wayyaanee gad fageessinee awwaaluu gaafata, gama biraan ammoo humna habashootaa dhoksaan of qopheessaa jiru to’achuun dirqama. Yeroo ammaa kanatti humnoonni habashaa kun bara qeerroon keenya akka baala mukaa rasaasaan harcaafamaa turte yakka ijoollee keenyarra gahe balaaleffachuuf onnee dhabe carraa uumame garuu dura bu’uun akeeka siyaasa isaa tarkaanfachiisuuf sochii guddaa taasisaa jiru. Sochiin kunis gama lamatti hirama: tokko naannoo olaantummaa irratti qaban keessatti jaarmiyaa dargaggootaa ijaarrachuun yoo ta’u, bakka kaanitti ammoo deggertummaan caasaa mootummaa keessatti bal’inaan hirmaachuunidha. Bakka lamaanittuu ilaalcha Itoophiyummaa isaanii gabbifachuu fi karaa qaxxaamuraa faayidaa itti hin wareegamiin tokko of harka galfachuuf dhama’aa jiru. Qeerroon keenya wareegamuu qofa osoo hin taane carraa dhuunfachuu, ajandaa to’achuu, hooggansa bifa hundaa kennuu, humna warraaqsaa amma jiru kana gara humna siyaasaatti ol guddisuu fi biyyattiin kallattii ofii keenyaa barbaadnurra akka deemtu gochuu yoo hin dandeenye warraaqsi keenya kun bakka tokko gahee gufata. Bofa ajjeesanii karaarratti hin gatan; muka gogaatti maru yookaan dhagaarra kaa’anii lammata akka hin kaane mirkaneessu. Warraaqsa kana haa tikfannu, sirbuu dhiisaa. Bakka har’a jirru kana gahuuf lubbuu kaffalle. Wareegama qeerrootti firii dhaabbataa gochuuf jeedala lamaan irraa of eeguu feesisa.

Nagaan

Lammii Beenyaa Waxabajjii 21, 2018