}); Mana dhiichisa halkanii Oorlaandoorratti haleellan qaqqabe gochaa shororkaa fi jibbiinsati jedhame

Mana dhiichisa halkanii Oorlaandoorratti haleellan qaqqabe gochaa shororkaa fi jibbiinsati jedhame



Preezdaantiin Ameerikaa Baaraak Obaaman gochaan haleellaa mana dhiichisa halkanii Oorlaandoorratti qaqqabe mallattoo shororkaa fi jibbiinsati jedhan.

Haleellaa kanaan namoonni 50 yoo du’an, 53 ammoo madaa’un himameera.Oomaar Maateeni haleellaa kana raawwateera kan jedhame.Oomaar dargaggeessa umrii 29 ture. Gochaa akkanaa ni raawwataan shakkamees, garee ‘IS’n hariiroo qabaanis yaadamee hin beeku.

Gochaa ajjeechaa kana duuba garuu ‘IS’tu jira jedhamaa jira.Garichaaf aantummaa qaba kan jedhamu miidiyaan Aamaaq haleellichi dhugumaan kan IS ta’uu mirkaneessera.

Oomaar Maateen haleellaa ega raawwateen booda poolisootan osoo walitti dhukaasuu ajjeeffameera.