}); Karaan jirruu of fulduratii demuu qoffa.                      Bareentu Gadaa

Karaan jirruu of fulduratii demuu qoffa.                      Bareentu Gadaa



Waggoota hedduuf impaayeera itiyoophiyaa keessatti uummanni gaafiin mirgaa fi dimookiraasii gaafiin waliqixxummaa kaasaa ture, keessumaa uummanni Oromoo abbaa biyyummaa isaa kolaneeffattoota habashaa itti duulanii biyya isaa qabataniin dhabe deeffachuuf qabsoo hadhooftuu gaggeessaa ture. ittis jira. Gaafii uummataa kana ukkaamsuufis weeratoonni haga wayyaanee har’aatti jiran yakka danuu uummattoota irratti addatti ammoo uummata Oromoo keessumaa sabboontoota ilmaan isaa irratti raawwachaa turaniiru. Baroota dhihoo as aanan kana keessa ammoo yakki uummata Oromoo addatti ilmaan isaa irratti raawwataa jiru ammoo akka malee sukanneessaa fi kan daangaa hin qabne ajjeechaa jimulaa taa’aa dhufeera. Ilmaan Oromoo gaafii mirgtaa karaa nagahaa gaafatan hedduun hidhattoota sirnichaa naatoo namaaf hin qabneen ajjeefameenaiiru, reebamanii miidhaan qamaa qalbii irra gaheera. Kuuniis mana hidhaa sirnichi heddumminaan ijaarratte keessatti manakraarfamaa jiru. kan eessa buteen isaa dhabames amma hin qabu. Wayyaaneen toltu sobaa fi sossobaan hammaattu ajjeechaa fi dararaan immaammata jedhu diriirfattee waggoota 26n darbaniif uummattoota impaayeera itiyoophiyaa addatti ammoo ummata Oromoo gabrummaa ishii jala tursiisuuf carraaqaa turteetti,. Uummanni Oromoo uummata sabooaa fi sossobaa, uummata holola gowwoomsaa sirnichaan abbaa biyyummaa isaa, mirga uumamaa fi dimookoraasii isaa mulqamee maratee taa’u ta’ee waan hin argamaniif wayyaaneedhaaf dubbiin akka yaadde osoo hin ta’iniif hafeera. Immaammanni sobaa fi sossobaa kkasumas holola falkkeessii adda addaa gaggeesuun bara bittaa fi saamichaa kan qabsoo sabboontoota Oromootin harkaa fashale wayyaaneen immaammata 2ffaa isa hidhaa, ajjeechaa fi dararaan bara bittaa fi saamichaa dheereeffachuu diriirstee uummata oromoo addatti ammoo ilmaan isaa sabboontoota mirga saba isaaniif qabsaawan ajjeesaa fi bakka buutee dhabamsiisaa turteetti. Haa ta’uuti kunis qabsoo Oromoo ittuu finiise malee dhaabuu hin dandeenye. Oromoon bahaa lixatti kaaba akibbatti qabsoo isaa FXG dabalatee toftaalee adda addaan sirnicha dura dhaabbachuu itti fufe. Uummani Oromoo hidhaa, ajjeechaa, dararaa fi saamicha weeratoonni Habshaa kan baroota dheeraa kana; keessumaa kan bara bittaa wayyaaneen waggoota 26n darbanii as jiru kana ofirraa dhaabuuf qabsoo hadhooftuu gaggeessaa ture, itti s jira. Yakki qabeenya isaa saamurraa kaasee amma ajjeechaa jumlaatti isarratti raawwatu kana sabni Oromoo xumura itti gochuuf akkuma kaleessa bara abbootii isaa qabsaawaa ture har’as FXG irraa kaasee amma hidhatee qabsaaawuutti jabinaan itti jira. Qabsoo gaggeeffamaa jiru kana keessattis kaleessaa amma har’aatti wareegama qaqqaalii gaggeessaa jira. Keessumaa ilmaan isaa sabboontoonni osoo hidhaa , dararaa fi ajjeechaan irratti gaggeeffamuu inni tokko yoo kufu inni biraa itti darbaa qabsoo bilisummaa abbaa isaanirraa dhaalan asiin gahaniiru. Diina amma funyaanitti hidhtae dura dhaabbachuun bilisummaaf lolaniiru, lolaas jiru. qabsoo dhiiga isaani iitti dhanagalaasan , lafee isaanii itti cabsaa turanii fi jiran kanaaniis uummata isaanii ummata Oromoo akkuma eenyuyyuu ifatti ragaa bahuu danda’u balabala bilisummaarran gahaniiru. Diina dhiphuu hedduu fi hamaaf saaxilanii kan qabuu fi gadi dhiisu wallaalichisaniiru. Amma uummanni Oromoo kan yeroo kamiituu caalaa sirni wayyaanee nagahe jedheera. Hadheeffatees irratti qabsaawaa jira. Keessumaa qeerroon ilmaan isaa murna waggoota 26f akka silmii ummata Oromootti karaa OPDO maxxantee dhiiga xuxaa turte tana dhiiga isaanii dhangalaasuun, lafee isaanii cabsuun xumura itti gochuuf qabso hadhooftuu irratti gaggeessaa jiru. hidhaa fi dararaan, ajjeechaa fi ukkaamsaan fincila finiisaa jiranirraa isaan dhaabuu hin dandeenye. Wayyaaneen garuu beekaa haa ta’uu hubannaa dhabaan haa ta’uu nagahee uummata Oromoo kana waan sirnaan hubatte hin fakkaattu. Ammalleen akkuma kanaan duraa bara bittaa fi saamichaa dheeraa kan biraa uummta Oromoo iarratti diriirfattee jiraachuuf hawwii qabdu holola gaggeessaa jirturraa hubachuutu danda’ama. Uummanni oromoo garuu nageh jedheera, kan yeroo kamiituu caalaa nagahee nuffe jedhee jibba isaa kara aadda addaa dhageessifateera. Ammas wayyaaneen dhagahaa waan jirtu hin fakkaatu, halli itti jirtuu fi itti hololaa jirtu nama daalachooftee dhaqii waa fuula dibadhuu koottu jedhamete of fakkeessaa jirti. Uummanni Oromoos ta’e saboonni biyyattii fuula dhiqadhuu of babbareechiitii koottu jechaanii hin jiru. uummattoonni biattii addatti ammoo ummanni Oromoo kan jechaa jiru ija kee arguu hinj barbaannuudha. Eeyyee nugaheedha jechaa jira. Wayyaanees ta’e kan maqaa uummata Oromootiin daladaltu OPDONn gongumaa aantee uummata Oromoo ta’uu hin dadeechuu bahaa narraa jechaa jira, kan FXG gaggeessaa turee fi jirus kanumaafui. Wayyaaneen kana maraafuu gurra cufattee uummaticha gara balaa booddeen isaa hin tolleetti oofaa jirti. Diddee toftee fokkisaa fi dulloomaa gaafii uummataa waliin dhahanii bira darbuu, holola sobaa fi sossobaa adda addaa gaggeessuutti jirti. Kun gongumaa fudhatama hin qabu. Humurii sirnichaas ittuu gabaasa malee hundheereessu. Egaa wayyaaneen na bubbulacha jettee gaafii ummataa dhiiftee toftaa dulloomaa fi fokkisaa qabttee sochootuus uummanni Oromoo addatti ammoo qeerroon Oromoo deemsa wayyaanee kana sirnaan hubatee toftaa fi mala qabsoo adda ddaatti fayyadamee karaa isaa anje’e hundaan qabsoo finiisaa akka jiru beekamaadha. Inni kun jabaatee itti fufuu qaba, Oromoon alaa manatti qabsoo isaa tumsuu diina gaafii ummataa tuffattee holola aangorrtra ishii tursiisu hololtu tana hundeen ofirraa buqqisee gatuuf sochii isaa cimsuu qaba. eeyee nagaheen nagaheedha, nagahee isaa ammoo Oromoon caalaatti cimsee itti fuun yoo qabsioo isaa finiinse uumriin wayyaanee dheeraa miti. Dheereechuus hin qabu. Waliin dhahaa bara bittaaa fi saamichaa dheereeffachuuf yaaluun koloneeffatoota Aworoobbaa jarraa walakkaa dura turanuu aangoorra hin bubbilchine waan ta’eef uummanni Oromoos osoo holla wayyaaneen guirra hin kenniin diina innikkaa wayyaanee ofiin jettu tana ergamtuu ishii OPDO waliin irree isaatiin dhiibee ofirraa buus ee bilisa of baasuu qaba jenna. Qabsoo malee bilsummaan dhuftu waan hin jirreef!